Waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin dhimma ulaa galaanaan waliigalan walqabateen Somaaliyaan ambaasaaddar Itoophiyaa ari’un gabaafame.
Dabalataan, waajjira qontsilaa Puntilaandiifi waajjiraalee qontsilaa lama Somaalilaanditti argaman akka cufamu murteessuu ishee Rooyitars aangawoota Somaaliyaa waabeffachuun gabaaseera.
Manni-maree ministeerotaa Somaaliyaa Itoophiyaan walabummaa biyyaa Somaaliyaa keessa seenaa jirti jechuun tarkaanii hatatamaa fudhachuun qoontsilaawwan Itoophiyaa Hargeessaafi Garawee keessa jiru Ebla 4 irraa kaasee akka cufamu taasisuu burqaa oduu Somaaliyaa kan taโe SONNAn fuula X isaarratti baaseera.