Labsii MCBNO ofitti fudhannee jirru hojitti haa hiiknuun dhaamsa yeroon gaafattuu dha.

𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝒇𝒊 𝑳𝒂𝒎𝒎𝒊𝒊𝒍𝒆𝒆𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒊𝒚𝒂𝒂 𝑵𝒂𝒈𝒂𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑹𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐𝒍𝒆𝒆 𝑾𝒂𝒍𝒙𝒂𝒙𝒂𝒂 𝑪𝒖𝒇𝒂𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑫𝒂𝒏𝒅𝒂𝒎𝒂𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒊𝒚𝒂𝒂 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂 𝑵𝒂𝒈𝒂𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇, 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒊𝒚𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒈𝒐𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂 𝑰𝒎𝒑𝒂𝒂𝒚𝒊𝒓𝒂 𝑬𝒕𝒉𝒊𝒐𝒑𝒊𝒂 𝑱𝒂𝒍𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑩𝒂𝒓𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑸𝒂𝒘𝒘𝒆𝒆𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑳𝒖𝒈𝒂𝒂𝒎𝒂𝒎𝒕𝒆𝒆 𝑨𝒌𝒌𝒂 𝑯𝒊𝒏 𝑱𝒊𝒓𝒂𝒂𝒏𝒆𝒆𝒇 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑲𝒂𝒎𝒊𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝑪𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑴𝒐𝒐𝒕𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑪𝒆𝒆𝒉𝒖𝒎𝒔𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒚𝒚𝒂𝒂𝒍𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑵𝒂𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒊𝒚𝒂𝒂 (𝑴𝑪𝑩𝑵𝑶) 𝑰𝒋𝒂𝒂𝒓𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑨𝒎𝒎𝒂 𝑻𝒂’𝒖𝒖 𝑸𝒂𝒃𝒂!

Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin sabatiinsa qabu argamuu kan danda’u, Ibiddi Saafaa halkanii guyyatti Oromiyaa irraa bobahaa jiru kun dhaamuu kan danda’u, labsii Mootummaa Ceehumsaa ABOn labse fudhachuun ummanni mootummaa ummataa ummataan filatame yoo ijaarate qofaa dha.

Murni aangoo polotikaa afaan Qawweetiin dhuunfatee maqaa mootummaatiin aangoo polotikaa dheereffachuuf dhama’u, akka mootummaa Ummataatti ummata tajaajiluun rakkoo ummataa furuun hafnaan, ofiifuu waan qabatee gadi dhiisu dhabuun of jiraachisuuf of ittisuu qofa fala godhateera.

Haala amma qabatamaan lafarratti mul’ataa jiruun Murni PP kan dur caalaa Lola Qawwee fi Diinagdee ummata irratti baneera. Keesaawuu Oromiyaa dirree waraanaa taasiseera.

Gama kaaniin, lola ummataan waliinii Tigraay irratti waggaa tokkoo oliif gaggeessaa jiran yeroo itti milkaawu dadhabanitti #Araara jechaa, asiin ammoo Oromiyaa irratti Qe’ee Oromoo Oromiyaa Aarsaa kaffalchiisaaru.

Akka kanaan,

_Maqaa gara garaa ummata nagahaatti moggaasuun daa’imni dhalattuun, Dubartiin ulfaa fi manguddoon osoo hin hafne jumlaan hidhuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa buqqisuun qe’ee isaanii ibiddaan gubaaru.
_Araaraan fixachuu dadhabuun waraana xumura itti gochuu hin dandeenyeef, Waraana Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo keessaa balleesinaan ganamaa galgala yakka Oromoo irratti raawwataa jiraniin dhiitta mirga namoomaa hangana hin jedhamne gaggeessaaru.
_Balaa uumama Bonni bonni dheeratee hoongeen hammachuun beela Gammoojjii Oromiyaa Baalee, Harargee, Gujii fi Booranatti Sa’aaf nama fixaa tureef akka mootummaati dhaabata gargaarsaa qabatamaa fi mul’ataa tokko dhaabee ummata kana dandamachiisuu hin dandeenye, inumayyuu maqaa gargaarsaan gargaarsa ummata miidhameef dhaabilee miti mootummootaa fi mootummoota biraa irraa argatan kaaznaa mootummaatti galchuun dhimma itti bahan.
_Ummanni keenya ofii isaatiiyyuu waan qotate, daldalatee fi horsiifateen of danda’ee qomoo isaa isa biratti miidhamaa jiru dandamachiisuu bakka hin danda’anitii maqaa Gibiraa, Gabataa Misoomaa fi Raayyaa ittisa biyyaa gargaarran saamicha humna olii ummata ireaan gahaa jira.

Walumaa galatti, goolama siyaasaa (political crisis) qaama aangoo polotikaa dhuunfateen biyyattii mudateen wal qabatee Impaayirattii digrii 360n gubataa jirti;Oromiyaan ammoo caalmatti bobahaarti. Ibidda kana Oromiyaa irraa dhaamsinee rakkoolee gosa hundaa Oromiyaa fi Lammiilee Oromiyaa mudataniif furmaanni jiru tokkichi kan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n kaaye Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Ijaarachuu duwwaa dha.

Waan taheef, Labsii MCBNO ofitti fudhannee jirru hojitti haa hiiknuun dhaamsa yeroon gaafattuu dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *