Salaaletti waraanni mootummaa Bilxginnaa ajjeechaa fi Saamicha qabeenya uummataa irratti rawwaacha jiraachuu uummanni himate.

Salaaletti waraanni mootummaa Bilxginnaa ajjeechaa fi Saamicha qabeenya uummataa irratti rawwaacha jiraachuu uummanni himate.

(SQ-Ebla 26,2022)

Godina Shawaa Kaaba Aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Hulleechootti Ebla 22,2022 waraana uummata irratti banameen yoo xiqqaate lubbuun nama saddeetii darbuu kan himan maddeen, namoota waraanaa Bilxginnaan ajjeefaman keessa maanguddoo fi ijoolleen xixiqqoollee kan argaman ta’uu ibsan.

Aanaalee Godinichaa biroottis gochi wal fakkaatu uummata irratti raawwatamaa jiraachuu himuun, waraanni mootummaa lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jirutti waan hin milkoofneef uummata nagaa irratti haaloo ba’aa jira jedhu.

Oppireeshinii waraanaa mootummaan Biltsiginnaa guutuu Oromiyaa irratti labse hordofee, Salaale Aanaalee Kuyyuu, Dagam, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi Darraafaa keessatti lolli jabaan yeroo garaagaraatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota Biltsiginnaa gidduutti geggeeffamaa jira.

Waraanni Bilxginnaa lola geggeessaa jirutti waan hin milkoofneef, ariisaa uummata nagaa irratti ba’aa jira jedhan.Ajjeechaan akkanumaan uummata nagaa irratti raawwatamu, saamichi qabeenya uummataa fi qe’ee jiraattotaa mancaasuun gochoota irra deddeebiin waraanni mootummaa aanaalee godinichaa keessatti raawwataa jiru ta’uu ibsaniiru.

Ebla 22,2022 lola aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Hulleechootti geggeeffameen kan kasaaree waraanni Bilxginnaan arii’isaa namoota nagaa 8 ajjeessan jedhu maddeen.Namoota dhuman keessa maanguddoo fi daa’immanillee jiru jedhan.

Magaalaa Garba Gurraachaa dabalatee gandoota aanichaa biroo, akkasumas gandoota aanaa Dagam jalatti argamanittis gochoota walfakkaatantu mul’ata jedhu.

Nama nagaa akkanumaan ajjeesuu, qe’ee jiraattotaa gubuu, beeyladoota hawaasaa qalanii nyaachuu fi ooffachuu, akkasumas midhaan uummataa konkolaataan fe’achuun saamicha ija baase, kan waraana mootummaan Bilxginnaa bobbaasuun irra deddeebiin qabeenya uummatichaa irratti raawwatamaa jiru dha jedhan.

Kutaalee Oromiyaa lolli kun itti geggeeffamaa jiru biroottis ajjeechaan lammiilee nagaa, saamichi, qe’ee gubuu, hidhaa fi reebichi taatee guyyaa guyyaan waraanni mootummaa Bilxginnaa uummata irraatti raawwataa jirudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *