Waraanni Bilxiginnaa Dargaggootaafi Daa’imman Oromoo adamsee nu jalaa ukkaamsee gara Waraana isaatti ergaa jira Jechuun maddeen gabaasan.
Caamsaa 05, 2022
Koonyaa Shawaa Kibba Lixaa Ona Bachoo Magaalaa Tulluu Boollootti Waraanni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo umriin isaanii waraanaaf hin geenye adamsuun gara leenjii waraana isaatti geessuuf jecha barnoota addaan kuchisiisee yeroo ammaa kana Wajjira Poolisii Ona Bachoo Magaalaa Tulluu Boollootti walitti qabee jira jedhu maddeen.
Akka hawaasni achi jiran jedhanitti Maatiin ijoollee kanaa ijoollee isaanii fudhachuuf gara wajjira poolisii kanaa yeroo deemaniitti Poolisoonni tikarra jiran Maatii kana achii ar’uun Maatiin kun hundi achi dhaabatanii boohaa oolan jedhu maddeen.
Dargaggootni kunneen hundi isaanii Umriin isaanii isaanii illee waraanaaf kan hin geenyeefi Mana Barumsaa keessaa qarshii xiqqoon goyyoomsuun baafatan jedhu jiraattonni. Dabalataan akka waan Impaayerri Xoophiyaa kun biyya taateetti isin warra Biyya keessan otoo barattanii tiksitanidha jechuun goyyoomsanii ijoollee keenya Mana barumsaatii fudhatan jedhu Maatiin Barattoota kanaa.