Miseensi mana maree bakka bu’oota Uummataa Hangaasaa Abiraahim Kan Uummata nagaa fixaa jiru, Waraana Bilisummaa Oromoo osoo hin taane Perezedaanti Mootummaa Oromiyaadha jedhe.
(SQ-Adoolessa 6,2022)
Ani akka kaaleessaa deeggaraa paartii ta’ee barcuma mootummaan tiksa osoo hin taane, har’atti bakka bu’aa uummataati jechuun haasaa isaa kan eegalee Hngaasaan, Warri Arma wayyaanee, ykn xuuxxoo wayyaaane hodhaa guddate Bilxiginnaatu bakka bu’aa uummata godhee na file osoo hin taane uummatatu na filates jedhe.
Ittuma fufuunis Bilxiginnaan Eegduu kootiin qarshii miliyoona 3 siif kenninaa Angaasaa Ajjeesii jennaan hin ajjeesuu waan inni jedheef qofa, akka iccitiin isaanii hin baaneef dhoksaatti dafanii ajjeesan jechuun, wayita mootummaan Eegdota jawaar mohaammad irraa guurutti, sobadha jedheen Jawaar arrabsaa ture kan jedhe Hngaasaan har’a dhugaan jirtu waan naa galteef fuula Addunyaa durattin Jawaarin dhiifama gaafadhas jedhe.
Eegdota koo warreen akka Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaafi Komishiner Araarsaa Mardasaa warra Abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeesee, Hattuu jimaatii fi Simmintootu na jala fudhate jechuunis eegduu koo dhalataa jimmaa mucaa Mooyaddin jedhamullee na jalaa ajjeesan jechuun dubbate Angaasaan.
Ittuma fufuunis perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa wayita inni bakkoota garaa garaa deemu dirqamaan uummata yaasuu malee namni tokko namni jaallatu hin jiru, inni sangaa deemu waan ta’eef uummanni argaa isaa hin jaallatu jechuun haala nama ajaa’ibuun dubbatee.
Kana malees kaleessa wayitan Jawaar Mohaammadii fi Waraana Bilisummaa Oromoo abaaraa ture natti fakkaateetu kan jedhe Angaasaan, har’a ammoo Perezedaantiin Oromiyaa fi fakkaattonni isaa hattootaa fi ajjeeftota akka ta’an ergan keessa seeneen bares jedhe.
Haaluma kanaanis perezedaantiin Oromiyaa fi hooggantoonni Bilxiginnaa Oromiyaa dubbii sobaatiin Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa keenya dadhabee nu baqachuudhaan uummata nagaa fixaa jira jedhanis, dhugaan argaa jirru garuu kana faallaadha Waraana Bilxiginnaatu baqachaa jira jedhee.
Kana malees Uummata Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessa jiran fi uummata nagaa Oromoo kan jumlaan ajjeesaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo Marrootiin hoogganamu osoo hin taane, waraana Perezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa fi dabballoota isaatiinidha kan jedhe Angaasaan Shaneen Warra Bilxiginnaa Oromiyaadhas jechuun haqa jiru ifatti baasuun dubbate.
Itti aansuunis haga Hooggantoonni Bilxiginnaa Oromiyaa fi dabballoonni isaa diigamanii hin bannetti ajjeechaan saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irraa dhaabbachuu hin danda’u jechuun, dhugaa jiru kana dubbadhee yoon du’es hin gaabbu jechuun dubbate.
Miseensi mana maree bakka bu’oota Uummataa fi qondaalli Bilxiginnaa kun, hattuun Wayyaanee irra caalu, Kan uummata nagaa ajjeesaa jiru, Bineensi gurraachi Bilxiginnaa Oromiyaati jechuun miira addaan dubbatee jira.
Uummanni Oromoo mootunmaa isa ajjeesuufi hidhuun isa cunqursaa jiru jalatti Tole jedhee buluu hin qabus jedhee jira.