IBSA EJJANNOO KORA GAMTAA USA fi CANADA – AFAAN OROMO
Oromo Liberation Front (OLF) Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Foreign Organizational & Political Afairs Damee jaarmaa fi Siyasaa biyya Ambaa
Date: No:
Gaafa: Adoolessa 21,2022 Lakk,: MKNA/072122/DDJSBA
Kora Gamtaa Caasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Amerikaa Kaaba (U.S.A & Canada) kan bara 2022
Ibsa Ejjennoo Kora Miseensota ABO
Nuti Miseensotni ABO Kutaalee U.S.A, Canada fi akkasumas godinaalee Adunyaa irra Kora kana irratti hirmaanne waggoota lamaan booda carra qaaman wal agarre Kora godhachuu arganneen dhimmoota Ijoo ta’an irratti mari’anne. Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan ABOn durfamu jabeessuu irratti marii bal’aa gochuun dhimmoota hatattamaan xiyyeffanno barbaadan adda baafannee jirra. Maree addaa kana irratti hundaa’uun ibsa ejjeennoo fi murti kutannoo;ee asiin gadi dabarfatne.
1. Nuti miseensonni Addi Bilisummaa Oromoo ijaarsotaa fi yayyaboota (foundations) Oromoo ABOn bu’ureeffaman jabeessuu fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo guutummaatti milkeessuuf hanga dhumaatti murannoon hojjechuuf waada keenya haaromsanne.
2. Caasaan ABO Amerikaa Kaaba akkuma Caasaan ABO biyya alaa wali-galaa murteeffatetti haal duree tokko malee deggersa qabeenyaa, beekumsaa, fi humna namaa barbaachisu mara qabsoo bilisummaa Oromoof kan gummachinu ta’uu waada keenya haaromsine.
3. Wareegama qabsaa’ootni ABO gama hundaan biyya keessatti kafala jiran dinqisiifachaa hanga Kaayyoon qabsicha bakka ga’utti jaallan keenyaaf hadhaadhiyya feesisu taasisaa qabsoo ABOn durfamu kutannoon itti fufuuf gatii qabsichi nu baasisu hunda kennuuf irra deeebine murtee keenya haaromsine.
4. Qabsoo Bilisummaa Oromoo karaa hundaan geggeessamaa jiru milkeessuun barbaachisaa waan ta’eef, guutummatti ni deggerra.
5. Weeraraa fi Waraana mootummaan Ithophiyaa Biyya Oromoo irratti labsee dhumaati sukanneessaa Saba Oromo irratti geggeessaa jiru cimsine balaaleffachaa, weerara kanas murannoon dura dhaabbannee fashaleessuuf hirmaannaa fi deeggarsa barbaachisu ni goona.
6. Hoogganootni Adda Bilisummaa Oromoo, miseensotnii fi deggertootni dhaabichaa kumatamaan yakka tokko malee mana hidhaatti hirarfama jiran hatattamaan akka gad lakkisaman ni gaafatna.
Damee Danataa Siaasaa fi Jaarma: ddjsba@oromoliberationfront.org www.oromoliberationfront.org
7. Hidhaamtoota siyaasaa kanneen manni murti bilisan gad-lakkise qaamni mootummaa Itophiya deebisee hidhuun yakka olaana mirga dhala namaa irratti taasifame ta’un hubatamee ajajni manni murti dabarse akka hatattamaan hojii irra oolu qaama dhimmi ilaalu gad jabeessinee gaafatna.
8. Nagaa fi tasgabbi ganfa Afrika keessatti argamsiisu irratti ga’een ABO olaana ta’uun hubatamee, ABO moggeessuu fi Warana Bilisumma Oromoo (WBO) balleessuu irratti duulli waraana fi ololaa geggeessamu haala naachichaa daranu waan hammeessuuf hatattamaan akka dhabbatu gad jabeessinne gaafatna.
9. Sabni Oromoo kallacha isaa ABO bira dhaabbatee qabsoo bilisummaa Oromoo milkeessuu fi shiroota diinaa fashaleesuuf kutannoo, hirmaannaa fi dirmannaa isaanii dachaan akk guddisan waamicha keeny ni dabarsina.
10. Yakka duguuggaa sanyi saba Oromoo fi saboota biroo irrattis raawwatama jiruuf itti gaafatama kan fudhatu gartuu Paartii biyya bulchina ofiin jedhu, (PP) Abiy Ahmediin hogganamu ta’uun beekamee yakka raawwatameef gartuun kun seera yakkaa addunyaan qoratamee, mana murtii yakkoota addunyaa (ICC) irratti akka dhihaatu ni gaafatna.
11. Shira mootummaan Itophiyaa maqaa maree biyyoolessaa jedhuun saba Oromoo moggeesse wa’illaan isaa duwwaa hirmaaachisuun Adunyaa gowwomsuuf yaali godhama jiru ta;uun hubatamee projektiin kun Ummata Oromoo fi Oromiya akka hin ilaallanne qaama dhimmichi ilaalu hunda hubachiisna.
12. Ajjeechaa Humnootni bulchiinsaa Mootumma naannoo Amaaraa mootumma federalaan deggeramani Ummata Oromoo daangaa irra jiran kanneen akka Walloo fi Wallaggaa Baha irratti
raawwataa jiran ni balaaleffanna, kanneen yakka kana raawwatan akka seeraf dhihaatan ni gaafatna.
13. Shororkaa fi duguuggaa sanyi mootummaan Itophiya (State-Terrorism) kan Abiy Ahmedin durfamu akka waligalatti sabaa fi sablammoota Itoophiyaa, addattimmoo Saba Oromoo irratti raawwacha jiru, Gaanfa Afrika gaaga’ama argamee hin beekne keessa galcha jiraachuun ifa ta’aa waan dhufeef, mootummootni fi aanga’oon Adunyaa, Jarmiyaaleen mirga dhala namaf falman, akkasumas Dhaabbatnii Mootummoota gamtoomani (UN) xiyyeffatno kennani tarkaanfi barbaachisu akka fudhatan waamicha goona.
Injifatnoo Ummata Oromoof!!
Kora Gamtaa Miseensota ABO Ameerikaa Kaabaa
Adoolessa 21, 2022
Minneapolis-St. Paul, Minnesota