Waraanni Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Toongootti manguddoo tokko ajjeessun dargaggoota lama madeesse.

Waraanni Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Toongootti manguddoo tokko ajjeessun dargaggoota lama madeesse.

(SQ-Hagayyaa 8,2,222)

Ajjeechaan ilmaan Oromoo Oromiyaa keessattii fi naannoolee biroo keessa jiraatan keessatti geggeeffamu guyyuma guyyaan dabalaa jiraachuu irra deddeeebiin gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Hagayya 5,2022 waraanni mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo ganda Kookab keessatti manguddoo abbaa ijoollee sadii kan ta’an obbo Xa’aa Mahammad kan jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun kan ajjeessan yoo ta’u Dargaggoo Muddaasir Nuurraddii Imaanaa jedhamu ammoo miila isa rasaasaan rukkutan jedhu maddeen.

Ittuma fufuun aanaama Toongoo keessatti dargaggoota Oromoo lama ammaaf maqaan isaanii nun geenye ammoo reebicha hamaa erga irraan geessisan booda waajjira poolisii Magaalaa toongootti hidhanii jiraachuu odeeffanneerra.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni faashistii bilxiginnaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Aallee Wuhaa keessatti Hagayya 5,2022 uummata waltajjii yaasuun erga waltajjii xumuraniin booda abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e obbo Dingataa Addisuu Shifarraa kan jedhamu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti himan.

Ittuma fufuun waraanni Bilxiginnaa Adoolessa 26,2022 godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo bakka Tulluu Bagaallootti dargaggoo tokko ammaaf maqaan isaa nun geenye waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun Halkaan Abbaa isaa waliin erga fuudhanii ba’aniin booda ija abbaasaa duratti rasaasaan ajjeesuu maddeen nuuf himan.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabneefi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qaban yoo ta’an badii qabaatanii osoo hin taane maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu itti maxxansuun ajjeesan jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *