Wallagga Lixaatti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoo 1 ajjeesun, qabeenyaa uummataas saamaa turuu jiraattonni himan.
(SQ-Fulbaana 20,2022)
Waraanni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ajjeechaa suukkanneessaa fi saamicha uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan Fulbaana 18/2022 waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Hooree jedhamutti dargaggoo Iddoosaa Kidaanee jedhamu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoon Badii tokko malee waraana pp,tiin ajjeefame kun nama siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u yakka raawwatee osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaaf akka bineensaatti ajjeefame jechuun miira gaddaan dubbatu.
Oduu birootiin Waraanni Faashistii Bilxiginnaa fulbaana 17/2022 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Begii Ganda 02 keessatti maqaa maatii keessantu Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun Mana Obbo Gammachuu Abarraa nama jedhamuu cabsuun qarshii 90,000 fi boba’aa baarneelii 1 saamuu maddeen keenya nuuf himan.
Qarshii Waraanni Bilxiginnaa saame kun qarshii isaan afoosha keessatti buusii ji’aan buusuun kufatanii argatanidha kan jedhan maddeen, maallaqa sana osoo haatii warraa obbo Gammachuu boossuu fuudhanii ishee ammoo reebuun abbaa warra ishee qabanii gara mooraa isaaniitti geessuun badii tokko malee hidhan jechuun daba Mootummaa pp hadheeffatanii dubbatu.
Kana malees aanaa Qondaaalaa magaalaa Qondaalaa keessatti Fulbaana 17,2022 waraanni murna bilxiginnaa dirqiin hawaasa waltajjii baasuuf wayita yaalutti, uummanni diduun yoo harkaa faca’u Uummata nagaa umurii fi saalaan osoo adda hin qoodin reebaa turuu fi Fulbaana 18/2022 ammoo Baadiyyaa aanaa qondaalaa keessa naanna’uun meeshaawwan gurguddaa dhukaasuun uummata nagaa doorsisaa turuu Odeeffanneerra.