๐๐ก๐จ๐ซ๐จ๐ซ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐ข๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐ ๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ข ๐๐ข๐๐ก๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ง๐ข ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐๐ก๐๐๐๐๐๐ญ๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ข๐ซ๐๐ง ๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐ ๐ ๐๐๐ก๐๐ ๐๐ง๐ ๐๐ข๐๐๐๐ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ง๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข๐ฅ๐๐ ๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐๐๐ญ๐๐ง
(SQ-Onkoloolessa 10,2022)
Onkoloolessa 09,2022 Goolessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa waliin taโuudhaan ummata nagaa irratti duulaa jiran Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Guutee Guddinaa jedhamu keessatti haleellaa raawwataniin ilmaan Oromoo 5 ol taโan lubbuun isaanii darbuu maddeen keenya gabaasaniiru.
1) Obbo Fiqiree Dhiinsaa
2) Gaaddisaa Fiqiree โ Ilma Obbo Fiqiree Dhiinsaa
3) Balaay Kabbadee fi namootni lama ammaaf maqaan isaanii hin baramin jiru haleellaa harโa goolessitootni Faannoo fi hidhattootni mootummaa waliin ijaaramuun sossohan raawwataniin lubbuun isaanii darbee jira.
Kana malees ijoolleen Obbo Fiqiree Dhiinsaa shamarran lamaa fi daaโimni waggaa 4 kan Obbo Dhugaasaa Amantee taโe madaaโanii hospitaala Giddaa Ayyaanaa seenanii akka jiran maddeen keenya ifa godhanii jiran.
Namootni duโanis taโe kanneen madaaโan lakkoobsi isaanii dabaluu akka dandaโu kan gabaasan maddeen keenya, qabeenyi ummataa gariin yoo saamamu, kaan ammoo barbadaaโuu addeessan.
Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti humni finxaaleyyii Faannoo fi hidhattootni mootummaa gamtoomaan sossohan, ummata siviilii irratti haleellaa dhaabbataan geggeessaa jiraniin lammiilee Oromoo dhibbootaan ajjeesanii, kumoota kudhanootaan qeโee irraa buqqisanii, qabeenya maallaqa miliyoonotatti shallagamu mancaasuun duguuggaa sanyii fi yakka waraanaa raawwataa jiran.