Godina Gujii Bahaa fi Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 7 ajjeese.

Godina Gujii Bahaa fi Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 7 ajjeese.

(SQ-Onkoloolessa 24,202)

Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa uummata nagaatti bobbaafaman, saba Oromoo fi lammiilee rasaasa itti dhukaasee ajjeessuu hojii idilee isaa godhatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan Onkoloolessa 22 ,2022 godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo bakka Haroo Galmaa jedhamuun beekamutti waraanni PP namoota nagaa ja’a, obboleewwan 2 fi dubartiin tokko kan keessatti argaman bakka tokkotti rasaasaan tumanii ajjeessuu maddeen SQtti himan.

Ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamuun jumlaan ajjeefaman ja’an Jamaal Gololchaa, Sulxaan Gololchaa obboleeyyan, akkasumas Isiyaaq Kundhee, Kadiir Uddoo, Hawwoo Useen Jilootii fi Tundhee Nagaasaa ta’uun barameera.

Oduma walfakkaatun Onkoloolessa 17,2022 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Magaalaa Nuunnuu jedhamutti waraanni Bilxiginnaa Dargaggoo Eliyaas Daggafaa jedhamu bakka hojii isaa qabanii hidhuun, Onkoloolessa 19,2022 nuharkaa ba’ee fiige jechuun rasaasaan rukutanii yoo madeessan Onkoloolessa 20,2022 ammoo halkan mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesuun reeffa isaa gatuu maddeen SQ nuuf himan.

Dargaggoo Eliyaas Daggafaa mana Shaayee namaatti miindeffamee kan hojjettu yoo ta’u, jireenya dhuunfaa isaa geeggeeffachuu malee siyaasa kam keessaa akka hin qabne namoota isaa beekan irraa odeeffanneerra!

Waraanni Bilxiginnaa Oromiyaa guutuu keessatti haala suukanneessaan ilmaan Oromoo ajjeessuu cimsee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *