๐€๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐Œ๐š๐š๐ฅ ๐๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐›๐ž๐ž ๐…๐ข ๐‡๐š๐š๐ฅ๐š ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐‡๐ข๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐ ๐šโ€™๐š๐ฆ๐ง๐ž๐ž๐ง ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐’๐ข๐ฏ๐ข๐ข๐ฅ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐€๐ฆ๐ฆ๐š๐ฌ ๐‰๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ž๐ž ๐๐š๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ญ๐š

๐€๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐Œ๐š๐š๐ฅ ๐๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐›๐ž๐ž ๐…๐ข ๐‡๐š๐š๐ฅ๐š ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐‡๐ข๐ง ๐ƒ๐ก๐š๐ ๐šโ€™๐š๐ฆ๐ง๐ž๐ž๐ง ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š ๐’๐ข๐ฏ๐ข๐ข๐ฅ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐€๐ฆ๐ฆ๐š๐ฌ ๐‰๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ž๐ž ๐๐š๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ญ๐š

Ijoo Dubbii ABO โ€“ Mudde 03,2022

Mootummaan Paartii Biltsiginnaa ummata nagaa irratti Boombii roobsuu fi humna lafoon dhumaatii suukanneessaa dhaqqabsiisuu itti fufeera. Walakkeessa jiโ€™a Onkoloolessaa irraa jalqabee hanga harโ€™aatti duula WBO dhabamsiisuu jedhuun goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti haleellaa xayyaaraa fudhataa jiruun lammiilee nagaa dhibboota hedduu galaafatee jira.
Harโ€™as ummatni siviiliin dafqee jiraatu, hojii isaa malee hidhatnoo waraanaa hin qabne, manaa fi ooyiruu isaa keessatti, bakka waaqeffannaatti, iddoo walgahiitti, manneen barnootaa fi kkf keessatti boombii samii irraan roobsamuun dhibbootaan dhumataa jira.
Mudde 02,2022 guyyaa kaleessaas Giddu-galeessa Oromiyaa, Godina Kaaba Shaggar Salaale, Onoota Warra Jaarsoo fi Kuyyuu keessatti xayyaarotni waraanaa sirna mootummaa Biltsiginnaa WBO rukutuu kan jedhuun irra deddeebiidhaan qeโ€™ee ummataa keessatti haleellaa raawwataniin ummatni siviiliin dhibbootaan lakkaโ€™amu ajjeesamuu fi hedduun madaaโ€™uu odeessi qabatamaan ummata keessaa argame ni ifoomsa.
Ona Warra Jaarsoo magaala xiqqoo baadiyaa keessatti argamtu Faajjii Ejersaa jedhamtu irratti haleellaan xiyyaaraa raawwatame lammiilee nagaa hedduu galaafate. Akka odeessa kanaatti yo xiqqaate namootni 80 ol taโ€™an duโ€™aniiru; baayโ€™een madaaโ€™aniiru. Maatii tokko keessaa namootni 6 walfaana akka dhumatanis dhagaโ€™ameera.
Kanneen boombii xayyaara mootummaa Biltsiginnaan dhumatan kunniin ummata nagaa hojjetatuuf manaa baโ€™e, qonnaan bultoota, barattoota mana barumsaa galaa turanii fi kanneen mana booโ€™ichaa deemaa turan akka taโ€™an beekuun dandaโ€™ameera. Haleellaa kanaan kanneen madaaโ€™anii qaamaa hirโ€™atanis lakkoobsaan baayโ€™ee dha.
Haleellaan xayyaaraa Ona Kuyyuu irratti rawwwatames balโ€™aa, namootni baayโ€™een dhumatuu fi madaaโ€™uu odeessi ummataa ni hubachiisa. Xayyaarotni waraanaa (MIG) mootummaa Biltsiginnaa yeroo 4f Kuyyuu araddoota Uyyee Cabaree fi Qarree Taaโ€™aa irratti boombii roobsan. Balโ€™inni haleellaa raawwatamee kun ganda tokko guutuutti barbadeessuu akka taโ€™e ogeeyyotni ni hubachiisu.
Miidhaan dhaqqabe hin beekamin malee, Mudde 01,2022ttis Lixa Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Guduruu Gabatee irrattis mootummaan Biltsiginnaa haleellaa samii irraan raawwatuu jiraattotni ifa godhaniiru. Miidhaa qaqqabe hubatuuf sararri cufaa waan taheef hubatuun rakkisaa tahus suukanneessaa fi hedduu akka tahe himama.
Haleellaa xayyaaraan alattis mootummaan paartii Biltsiginnaa, Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti nagaa fi qabbanni buโ€™ee ummatni nagaan hojjetatee akka hin jiraanne gochuun, lammiileen Oromoo guyyuu jumlaan akka ajjeesaman, kumootaan qeโ€™ee ofii irraa akka buqqaโ€™an, qabeenyii fi manneen ummataa akka barbadaawu gochuu itti fufeera.
Murni goolessituu Faannoo, miliishaan/humni addaa naannoo Amaaraa fi waraanni ittisa biyyaa malootaa fi tooftaalee garagaraan qindoomina waloo tolfataniin Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ummata Oromoo irratti yakka waraanaa raawwatuu itti fufanii jiran. Isa fagoo dhiisnee ajjechaan jumlaa Sadaasa 29,2022 Kiiramuutti taโ€™e kanaaf ragaa guddaa dha.
Walumaagalatti golgaa WBO balโ€™eessuu jedhuun mootummaan federaalaa paartii Biltsiginnaan durfamu ummata nagaa qeโ€™ee isaa keessatti xayyaara lolaa fi waraana humna lafoon fixaa jiru, ABOn akkuma arma duraa ammas gocha kana jabeessee balaaleffat; ummatas hubachiisa.
Mootummaan kun karaan qabatee jiru kan yaakkaa, dhiigi ummata nan bulcha jedhuu akka bishaanii gadi naqaa jiru kun kan isa gaafachiisu taโ€™uu hubachiisa. Rakkoo siyaasaa humna waraanaan furuuf yaaluun, ummata nagaa boombiin haleeluun muddama jiru daran yoo hammeesse malee furmaata fidu kan hin qabne taโ€™uun harโ€™as ejjennaa ABO ti.Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhuma irratti, mootummaan Biltsiginnaa ummata nagaa irratti boombii roobsuu fi waraanaan dhumaatii jumlaa lammiilee Oromiyaa irratti raawwatu akka dhaabu gadi jabeessee hubachiisaa, hawaasni addunyaa, kanneen mirga dhala namaaf falmanii fi naga jaalโ€™attootni hundi mootummaan kun duguuggaa sanyii raawwataa jiru akka dhaabuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan irra deddeebiin gaafata.
Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 03,2022
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *