Dhaabbileen mirga namoomaa miseensonni UN sochii Itoophiyaa akka morman waamicha taasisan
(SQ-Bitooteesa 1,2023)
Dhaabbileen mirga namoomaa fi sivilii jaatamaa ol ta’an miseensonni Mana Maree Mirga Namoomaa UN sochii Itoophiyaan qorannoo gareen ekispartoota UN dhaabsisuuf deemtu dura akka dhaabbatan waamicha dhiheessan.
Dhaabbileen kuni xalayaa miseensota Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erganiini kana jedhani.
Itoophiyaan garee qorannoo sarbama mirga namoomaa yeroo waraana kaaba Itoophiyaa raawwatan jedhaman qorachuuf hundaa’e jalqabumaa mormaa turte.
Dhihoo immoo ergamni qorattoota kanaa akka adda citu wixinee qopheessuun sochii eegaluu ishee ibsamuu hordofeeti dhaabbileen kanneen akka Aminastiifi HRW keessa jiran waamicha kana kan dhiheessan.
Dhaabbileen kuni ibsa isaanii keessatti garee mirga namoomaa UN’n hundaa’e xumura itti tolchuuf wixinee Itoophiyaan qopheessiteen yaadda’u ibsan.
‘’Wixinee ergama ICHREE adda kutuuf qophaa’e kamuu mormuun ergamaafi hojii komishinichaaf deeggarsa qabdan akka ibsitan,’’ jechuun gaafataniiru.
Gareen kuni ‘’galma siyaasaa qaba’’ jechuun kan mormite Itoophiyaan qorattoonni dhimma Itoophiyaa qoratan deeggarsa maallaqaa akka hin argannes socho’aa turte.
Baatii Guraandhala keessa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniin qorannoon UN’n deeggaramu hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF jidduutti mallattaa’e gufachisuu mala jechuun akeekkachiisanii turan.
Obbo Dammaqaan Gamtaan Afrikaa Itoophiyaa bira dhaabachuun ergama komishiniin kuni qabu akka adda citu gaafatanii turan.
Sochii Itoophiyaa kuni ‘’dorgomaa kan hin qabnedha’’ jechuun dhaabbileen mirga namoomaafi sivilii kunneen ibsaniiru.
Adeemsi kuni waa’ee qorannoo idil-addunyaa ‘’fakkeenyummaa balaa qabu’’ hordofsiisuu mala jechuunis akeekkachiisan.
Dhaabbileen kunneen sochiin Itoophiyaan miidhamtoonni haqa akka hin arganne taasisa, dhaabbilee biyya keessaarraa shakkii ibsan mufachiisa jechuun ibsan.
Itoophiyaan kana dura kanneen badii raawwatan seeraan akka gaafataman akka taasistu ibsite.
Komishiniin mirga namoomaa dhimma Itoophiyaa qoratu waggaa dura ture himannaa sarbama mirga namoomaa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaafi kaan raawwatan jedhaman qorachuuf kan hundaa’e.
Gareen ekispartoota dhimma Itoophiyaa qoratu ibsa Fulbaana keessa baasen Mootummaan federaalaafi michoonni isaa Tigraayitti ‘yakka namoomaa raawwatuu amanna’ jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa immoo argannoo kana akka hin fudhanne ibse. Qaamoleen lola keessa hirmaatan marti himannaan irratti ka’us hundi himannaa kana hin fudhatan.
Baatii muraasa dura mootummaafi TPLF waliigaltee nagaarra erga gahanii nagaan bu’eera.Tajaajiloonni bu’uuraa fi geejjibi baatiiwwan dheeraa booda eegaleera.
Haa ta’u malee, kanneen badii keessa qooda fudhatan jedhaman seeratti dhiheessurratti sochiin jiraachuu wanti ifatti mul’atu hin jiru.