Humni waraanaa mootummaa dargaggoota ukkaamsuun achi buuteen dhabamsiise

#Urgent !

Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee keessatti humni waraanaa mootummaa dargaggoota bakka isaan baay’inaan taa’anii taphatanii ukkaamsaa jira.

Mootummaan pp dargaggoota Finfinnee fi naannawaa adda addaatti bakka bashannaaa,bakka buna dhuganii fi manneen Tapha puulii dargaggootni oolan irraa humnaan qabee ukkaamsee gara hin beekamnetti geessaa jira.
Dargaggootni Oromoo bakkoota bunni itti dhugamu bakkoota bashannanaa kanneen akka puulii fi biroo walitti qabamtanii taa’uu irraa Eeggannoo akka gootan dhaamna.

Mana dhugaatii fi hoteelota shakkaman irraas akka of eeggannoo gootan.

Dargaggootni Oromoo Yeroon bahee yeroon akka galuu qabu mana Jimaa fi Shishaa akkasumas Pool akka yeroof irraa Lagatu ykn qusattan jenna.

Torban dabarsaa jirru kana keessa Kamisa Adoolessa 27/2023 Finfinnee naannoo Fayyisaa Addunyaa (Madanalem) jedhamee beekamu mana Bunaa #Michuu jedhamuutii dargaggootni Buna dhugaa turan humnoota waraanaan ukkaamsamanii fudhataman hanga ammaa bakka geeffaman hin beekaman.

Dhaamsi kun dargaggoota Oromoof haa qaqqabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *