Itiyoophiyaan Afrikaa irraa 1ffaa fi Addunyaa irraa sadarkaa 3ffaa qabachuun biyya ummatni ishee miliyoona 86 beelaan miidhaman jedhame

Itiyoophiyaan Addunyaa irraa biyya hiyyeessi keessatti heddummatu jedhamuun sadarkaa 3ffaa yoo qabattu Afrikaa irraa sadarkaa duraa irratti argamuu.

Uummanni Itoophiyaa miliyoona 86 ta’u hiyyummaa keessa jira- Gabaasa bahe๐Ÿ‘‡

Gabaasni haaraan bara 2024 bahe ummatni biliyoona 1.1 ta’u addunyaa guutuutti hiyyummaa bifa adda addaan ibsamu keessa akka jiru, Itoophiyaanis biyyoota uummata hedduu hiyyummaa keessa jiraatu qabachuun 3ffaa ta’uu beeksise.

Gabaasni Multidimensional Poverty Index (MPI) jedhuufi walta’insa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Yunivarsiitii Okisfoordiin qophaaye irratti uummata addunyaa biliyoona 6.3 ta’u keessaa biliyoona 1.1 kan ta’u hiyyummaa keessa jiraata jedheera.

Addunyaarratti biyyootni uummata hiyyeessa hedduu qabaachuun sadarkaa 1-5 qabatan 1ffaa Indiyaa,ย 

2ffaa Paakistaan,ย 

3ffaa Itoophiyaa,ย 

4ffaa Naayijeeriyaa fiย 

5ffaa Rippaablika Dimookraatawaa Koongoodha.

Biyyi waggoota darban shanii oliif waraana keessootti jirtuufi uummata miliyoona 120 ol qabdu Itoophiyaan uummatnishee miliyoona 86 ta’an hiyyummaa keessa jiru jedhameera.

Kana jechuun uummata biyyattii waliigalaa keessaa dhibbentaan 68.7 hiyyummaa keessa jira jechuudha.

Hiyyummaa kallattii hedduu jedhamee gabaasa kana keessatti kan ibsamu tajaajila fayyaa, barnootaafi akkasumas sadarakaa jireenyaati.

Waraanniifi walitti bu’insi godaannisa dafee hin fayyine dhala namaarraa gaaha kan jedhu gabaasichi, waraanniifi nagaa dhabuun hiyyummana akka hammatu gumaachuu ibseera.

Gabaasichi dabaluun uummatni harki caalaan hiyyummaan jiraatu baadiyyaa keessa akka jiru ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *