๐๐โ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ข๐ณ ๐๐ถ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐๐ต๐ฎ๐ฏ๐๐ ๐ ๐ถ๐๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐๐น๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ ๐๐๐ข ๐๐ฎ๐ฎ๐น ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ ๐ฅ๐ผ๐ผ๐ฟ๐ฟ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ (๐ง๐ฎ๐๐ณ๐ฎ๐ฎ๐๐ฒ๐ฒ ๐ง๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ณ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ฟ๐บ๐๐) ๐๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐๐๐ถ ๐๐ท๐ผ๐ผ ๐๐๐ฏ๐ฏ๐ถ๐ถ -๐๐๐ข
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n miseensaa buleessa isaa Jaal Caalaa Roorrisaa duโaan of biraa dhabuu isaaf gaddi itti dhagahame akkaan ol aanaa dha.
Jaal Caalaa Roorrisaa (Tasfaayee Tarrafaa Gurmuu) giddu gala Oromiyaa Kaaba Shaggar magaalaa Sandaafaatti bara 1968 E.C/1976 tti abbaa isaa obbo Tafarraa Gurmuu fi haadha isa aaddee Tsiggee Dabbabaa irraa dhalate.
Jaal Caalaan umrii ijoollummaa isaa irraa kaasee qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti bara 1983 E.C/1991tti daabalamuun dirqama dhaabni isaa itti kenne sududaan jaala bahataa turee dha.ย Jaalli kun qabsoo ABO keessatti qooda fudhataa tureen dirree bahaatti eegduu Jaal Burruysoo Boruu ture. Gaafa Jaal Burruysoon wareegamu jaalli kun harka diinaa seenuun bulchiinsa sirna nama nyaataa abbaa irree TPLF jalatti ganna 6 fi jiโoota 4f Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee magaalaa Goobbaa ganda 03tti hidhamee hiraarfamaa ture.
Tasfaayee Tarrafaa jaal Caalaanย
mana hidhaa TPLF keessaa bahee qabsoo bilisummaa Oromoo Irbuu itti seene irraa hidhaa fi doorsisni diinaa osoo hin jilbiifachiisin magaalaa Finfinneetti sochii ijaarsa qeerroo keessatti qooda fudhachuun dirqama isarraa eeggamu bahataa tureera. Osoo hin turin marsaa 2ffaaf hordoffii diinaan bara 2000 E.C/2008 qabamuun mana hidhaa dhoksaa hin beekkamnetti jiโoota 7f hiraarfamaa eerga turee booda halkan dukkanaan baasanii Finfinnee naannoo Qabbannaatti gatanii deeman.
Jaal Caalaan hanga gaafa duโaan addunyaa irraa godaanuuttii magaalaa Finfinnee keessatti dirqama dhaabni isaa itti kenne ofitti fudhachuun bahataa tureera. Jaaal Caalaan/ Tasfaayee Tarrafaa Gurmuu maatii horatee abba ijoolee 3 dhiira 1 fi dubara 2 ti.
Jaalli keenya balaa konkolaataa isa mudateen Hagayya 29, 2017/Fulbaana 04, 2025 naannawa Finfinnee Koyyee Facceetti galgala saaโatii 8:00 pm tti lubbuun isaa darbe.
Sirni Awwaalcha isaa gaafa Fulbaana 5, 2025 Bataskaana Abboo Faransaay jedhamutti gaggeeffame.
ABOn maatii abbaa hin qabne ilmaan jaal Caalaa Roorrisaa ummanni Oromoo cina dhaabbachuun waan dandaโaniin akka gargaaran dhaamaa, irra deebiin du’aan of biraa dhabuu jaal Caalaa Roorrisaa/Tasfaayee Tarrafaa Gurmuuf gaada itti dhagahame ibsataa, maatii, firoottanii fi Ummata Oromoo bal’aaf Obsaa fi jajjabina hawwa.
Qabsaawaan Ni Kufa! Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 7, 2025
Finfinnee