Malkaan Dirree Tokkummaa fi Jaalalaa Ummata Oromooti.Irreechi guyyaa galataa, abdii boruu fi mallattoo Afuura tokkummaa Uummata Oromooti.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo !
Hunda dura Ummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa baga guyyaa firii wareegama qaalii Ilmaan Oromoon deebi’e Irreecha Birraan geessan.
Irreechi Birraa guyyaa Uummanni Oromoo bacaqii gannaa ofkalee booqaa birraatti ba’uu isaaf Waaqa isa Uumeef galata galchuuf jecha malkaa bu’uun kan irreeffatuudha.
Birraa Oromoon malkaa bu’uun galata galcha.
Irreecha Birraa kan Malkaatti bahamu Ganni roobee, kan faca’ee margee dagaagee lalisee asheetee, lagni boora’ee guutuu wayita birraa taliilu ammoo Malkaatti ba’ee galata galchaafi.
Itti dabaluunis Irreecha birraatti Oromoon Malkaanis yeroo birraa ni taliila kanaaf mallattoo qulqullinaati, bishaan yoo dhugan lubbuu namaaf ta’a, yoo dhiqatan nama qulqulleessa, yoo dadhaban hafuurri isaa hamilee namaaf ta’a kan jedhus amantee ganamaa Oromootaati.
Irreecha Arfaasaa immoo Tulluutti bahee kadhata. sababani immoo Tulluun waa malee lafa diriiraa hin caalle, darbees waaqatti kaluudha kanaaf itti ba’anii yoo kadhatan irruma caalaa dhageettii waaqaa qaba jedhanii dhugeeffatu Oromon.
Ummanni Oromoo Arfaasaa tulluutti ba’uun bonni nu gaha rooba nagaa nuuf roobi qonnaan bulaan akka lafa qotatee facaafatuuf dacheen margi irraa goge margee loon akka dheeduuf nu gargaari jedhee kadhata.
Irreecha Namoonni mufannaa walirraa qaban hamma walitti araaramanitti iddoo tokkotti hin irreeffatan.
Irreecha Haaloo garaa kaawwatanii waaqa qulqulluu kadhachuun hin dandahamu waan taheef Irreecha Birraa kana yeroo irreeffannu Ummatni Oromoo hunduu kan wal dhabe akka nuuf araaramu ,Nagaan Biyya keenya Oromiyaa fi lammiilee keenyaaf akka bu’u garaa qulqulluun haa kadhannu jenna.
Irreechi iddoo qaamaa qalbiin itti qulqullaa’aniidha waan ta’eef,Mootummaan Naannoo Oromiyaas Namoota balleessaniis tahe sababa isa mormaniif ykn Ilaalcha siyaasaa isaaniif hidhee jiru waliin araara godhatee nagaa fi tasgabbii biyya keenyaaf waloon akka hojjennuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha taasisnaaf.
Oromiyaa keessatti nagaan qe’ee Oromootti akka dhugoomuuf ykn jiraatuuf Mootummaa fi paartiileen Mormituu walitti dhufanii garaa qulqulluun karaa shiraa fi daba hin qabneen akka mariiyatan, Ajjeechaa fi godaansi Oromoo irraa bara itti dhaabbatu akka tahuuf Irreecha Birraa bara kanaa yeroo Irreeffannutti Ummata keenyaaf nagaan akka bu’uuf haa kadhannu; Araara haa lallabnuun dhaamsa keenya.
Oromoon bara wal ajjeesu ,bara itti haaloo walitti qabatu soo hin taane bara wal dhagahu, Waliif dhukkubsatu, waliif dirmatu waliin dubbatu akka tahu kadhanna.
Gama biraatin yeroo Ayyaana Irreechaa bara kanaa kabajnutti lammileen Oromoo hedduun rakkoo nageenyaa biyya muudateen gariin mana hidhaa jiru,gariin qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun godaananiiru. Gariin baqattoota ta’aniiru. Maddi rakkoo kana furamuu dhabuu rakkoo siyaasaa Itoophiyaa Mootummaa Dr.Abiyyiin hogganamuuti. Kanaaf rakkoon kun akka furamuuf Oronoon akkuma tokkummaan ba’ee Irreeffatu tokkummaan waan Oromoo fi Oromiyaaf hin taane tokkummaan diduun,Oromiyaa irratti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuu fi hiree isaa ofiin hanga murteeffatutti qabsoo Mirga Abbaa biyyummaaf taasisu keessatti nuyis Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan Oromoon aarsaa kaffalee argate injifannoolee argaman Irreecha dabalatee kan biroo tikfachaa,kan hafeef hanga Oromoon Mirga Abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffatutti qabsoo qabsaa’otni eegalanii asiin gahan xurree isaanii irra imalaa carraa kanaan ibsaa,irra deebiin Ummata Oromoo guutuu Addunyaa irra bakka hundatti irreeffataa jiru dabalatee Ummata keenya Oromiyaa baga Ayyaana Irreeffannaa bara kanaan isin ga’e jenna.
Ayyaanni kan jaalala,kan tokkummaa fi Araaraa isiniif haa tahu.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 3/2025
Finfinnee,Oromiyaa